Awustiraaliyaan miidiyaa hawaasummaa ijoollee umrii 16 gadii miiliyoona 4.7 ol haqxe

You are currently viewing Awustiraaliyaan miidiyaa hawaasummaa ijoollee umrii 16 gadii miiliyoona 4.7 ol haqxe

‎AMN PLUS- Amajjii 8/2018

Mootummaan Awustiraaliyaa seera haaraa itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa ijoollee umrii 16 gadii irratti baaseen fuula miidiyaa hawaasaa miiliyoona 4.7 ol haquun gabaafame.

‎Seerri haaraan ijoollee umrii 16 gadii miidiyaa hawaasummaarraa dhorku kunhojiirra Muddee 10 bara 2025 irraa eegalee hojii irra oole.

‎Miidiyaaleen hawaasaa gurguddoo seera kanaan ijoolleen umrii 16 gadi akka hin fayyadamnee dhowwaman kan akka Meettaa (Facebook, Instagram), TikTok, Snapchat, X (Twitter), YouTube, Reddit fi kkf ta’uutu gabaafamee.

‎Hanga ammaattis fuulli miidiyaa hawaasaa Lakkoofsaan miiliyoona 4.7 ol ta’u, ijoolleen umrii 10 hanga 15 giddutti argamanii cufamuu isaa mootummaan Awustiraaliyaa ifoomseera.

‎Kaayyoon guddaan tarkaanfiin kun fudhatameefis yakkoota adda addaa miidiyaa hawaasaan raawwatamaniifi walitti bu’iinsa miidiyaa kana irra deemuun daa’imman akka sammuun isaanii hin faalamneefi hin miidhamne ittisuuf akka ta’e ibsameera.

‎Hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa hawaasaa biyyoota addunyaa adda adda ammoo seera itti fayyadama Miidiyaa hawaasaa Awustiraaliyaa kana ilaalchisee yaada gara garaa qaban kennaa jiru.

‎Walumaagalatti Awustiraaliyaan biyya jalqabaa addunyaa irratti daa’imman umrii 16 gadiitiif miidiyaa hawaasaa guutummaatti dhoowwitee ta’uu ‎AP News fi Royitersiin gabaasaniru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatin Qindaa’e.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply