“Kaayyoo Cuuphaa hubannee guyyaa guyyaan ittiin jiraachuu qabna” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Kaayyoo Cuuphaa hubannee guyyaa guyyaan ittiin jiraachuu qabna” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Amajjii 11/2018

Sirni kabaja Ayyaana Cuuphaa hawwata tuurizimii magaalaa keenyaa ta’ee itti fufa jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Ayyaanni Cuuphaa magaalaa Finfinnee Hurufa Boombiitti karaa duudhaa isaa eeggateen kabajameera.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa sirna kabaja ayyaanichaarratti dabarsaniin, Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti agarsiistuu lammata dhalachuu ta’uu kaasaniiru.

Gooftaa Yesuus Kiristoos jaalala dhala namaaf qaburraan kan ka’e dhala namaa hunda fayyisuuf qulqullittii Maariyaam irraa Beeteliheemitti dhalachuun galaana Yoordaanositti cuuphamuu isaa Kitaabni Qulqulluun ni ibsa jedhan.

Kaayyoo ijoon Ayyaana Cuuphaa gochaa Gooftaa Yesuus Kiristoos raawwate fakkeenya godhachuun jiraachuudha jedhanii, Ayyaanicha jibbaafi haaloo irraa fagaachuun, keenyaa walirraa fageenyaa diiguun jaalalaan kabajuun akka barbaachisu dhaaman.

Ayyaanni Cuuphaa ‘UNESCO’ hambaa kiliyaatti erga galmaa’ee waggoonni 6 darbuu yaadachiisanii, ayyaanichi qabiyyee amantaa dabalataan ayyaana aadaa, afaaniifi tokkummaa sabdaneessaa keenya addunyaatti ittiin beeksisnudha jechuun ibsaniiru.

Finfinneen fakkeenya tokkummaa sabdaneessummaan qulqullooftee, faayamtee fi miidhagdee ayyaanichaaf dammaqina addaa kennuu eeruun, haaluma Kanaan tuuristoonni hedduun ayyaanicharratti akka argaman gochuun danda’amuu ibsan.

Bu’aa kana galmeessisuuf bulchiinsi magaalichaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin tumsaan hojjechaa akka ture kaasanii, milkaa’ina ayyaanichaaf qaamolee tumsan hunda galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply