AMN PLUS- Amajjii 22/2018
“Magaalaan guddoo biyya koo Itoophiyaa fi reesturaantii koo isa haaraa “Maarkas Addis” itti argamu taate Finfinneen, handhuura biyyattii qofa osoo hin taane, ibsama aadaa keenyaati” jechuun eegala, Ogeessi Nyaataa (Sheefiin) beekamaa Idil Addunyaa Maarqoos Saamu’eelsan. Waa’ee Finfinnee dubbatee, ibsee fi jajee hin quufu.
Marsariitii beekamaa “eater.com” jedhamu waliin turtii kan taasise Sheef Maarqos Saamu’eelsan Finfinneetti dhaabbilee aartii fi manneen nyaataa gargar baafamanii kan ilaalaman akka hin taane ibseera.
Iddoowwan fakkii itti agarsiisan (Gaalariiwwan), gada hambaawwanii fi gabaawwan qindaa’uun reesturaantiiwwwan Finfinnee keessatti argamanii fi manneen nyaataa waliin wal simuun miira ajaa’ibsiisaa akka uuman kaaseera.
‘Mixmixa/Barbaree’ ibsama nyaata Itoophiyaa ta’e keessatti dha’annaa onnee Finfinnee dhamdhamachuun akka dana’amu dubbateera.

‘Mixmixi’ manneen jiraattota Finfinnee keessaa kan hin dhabamnee fi dhoksaa dhamdhama addaati” jechuun ittoo lukkuu killeewwaniin marfamee dhiyaanaaf maaddii irratti dhiyaatu keessatti galtee isa olaanaa ta’uu, Sheefiin kun eereera.
Finfinneen jijjiirama keessatti akka argamtu dubbachuun, “baay’ina dargaggootaa irraa kan ka’e, bakka marattuu sochii ho’aa fi ijaarsota garaa garaatu mul’ata” jechuun Maarqos ibseera.
Sheefiin beekamaa kun Finfinnee keessaa bakkeewwan daawwatamuu qabu jedhu illee nyaatumaan qabee kaasa; gosa dhangaa ‘qaatanyaa’ jedhamuun beekamuu tasa osoo hin dhamdhamatin hin deebine jedha.
Qaatanyaan gama tokkoon gosa nyaata aadaa ajaa’ibaati; gama biraan giddu galeessa aadaa nyaatni aadaa garaa garaa, shubbisa aadaa fi muuziqaan faayamee bakka tokkotti dhiyaatu ta’uu kan kaasu ogeessi soorataa kun, wiirtuu aadaa isa sirrii akka ta’es ibsa.

Gama biraan, reesturaantii dhangaan Itoophiyaa fi Itaalii wal simee itti dhiyaatu Tiraatoriyaa Guustoo (Trattoria Gusto) osoo hin daawwatin, nyaata isaaniis hin dhamdhamatin akka Finfinneetii miila keessan hin fuune’ jedha.
Gabaan Markaatoo dhahannaa onnee Finfinneee ta’eefi heddummootni itti daldalatanii fi keessa jiraatan, waan barbaadanii dhaban tokko illee hin jirre, gabaa guddicha biyyattii fi Afriikaa osoo hin daawwatin yoo deebitan, ‘ni gaabbitu’ jedha.
Walumaa galatti, Finfinneen bakkeewwan duraanii haaromsuu fi haaraa ijaaruun, dhangaa addaan, aartiin akkasumas muuziqaan kan badhaate magaalaa ho’ituudha jechuun ibseera.
Haa ta’u malee, “magaalaan guddoo kun imala ishee ni eegalte malee hin xumurre”, kan caalu fuuldura akka jiru akeekuun dubbii isaa goolaba, Sheefiin Idil addunyaa Maarqos Saamu’elsan.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e