AMN PLUS- Amajjii 26/2018
Itoophiyaan waggaa tokko yeroo hin caalle keessatti, Yunivarsiitii Artifishaal Intelijensii (AI)addunyaa irraa 2ffaa ta’e akka eebbissiistu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) beeksisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensoota Mana Mareerraa ka’aniif ibsaafi deebii kennaa jiru.
Wayituma kana ibsa kennaniin Itoophiyaan baatiiwwan jaha booda yeroo waggaa tokko hin guutne keessatti ijaarsa Yunivarsiitii AI xumuruun addunyaa irraa dhaabbata barnoota olaanaa Hubannoo Namtolchee adduyaa irraa 2ffaa ta’e akka eebbisiistu ibsaniiru.
Walga’iin Idilee 10ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa adeemsifamaa jira.
Malkaamuu Abbabaatiin