AMN PLUS – Amajji 26/2018
Hoteelli Giyoon handhuura Finfinnee Doloolloo Buddeenaatti argamu, hundeeffama Gamtaa Afrikaan walqabatee yaadannoo hedduu qaba.
Hoteelli kun bara 1948tti ijaarsi isaa eegalee bara 1951’tti hoteela abbaa siree 50 ta’ee hojii akka eegale Tajaajila Hoteela beeksisuu irratti kan hojjetan Aadde Ruuqiyaa Ukee turtii AMN PLUS qophii ‘Imaltuu Finfinnee’ waliin taasisaniin himan.
Teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Finfinneen yeroo jalqabaaf Yaa’ii Hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afriikaaf dureewwan biyyoota Afriikaa garagaraarraa dhufan Hooteela Giyoonitti simatte.

Kuwaamee Nikuruumaa, Juliyes Nereeree, Joomoo Keeniyaattaa fi kanneen biroos hoteela Kana keessa eegumsa cimaan boqotanii walga’ii Galma Afriikaa murteessaa saniif qophaa’aas turani.
Hooteelli kun Masaraa Mootummaa waliin kallattiin kan wal argu waan ta’eefis bakka aara galfannaa mooticha Haayilasilaasees ture.
Kaayyoon isaas keessummoota biyya alaa irraa dhufaniif bakka boqonnaa mijataa qopheessuuf akka ta’e himaniiru.
Maarree Hooteelichi hundeeffama Gamtaa Afrikaan har’aaf seenaa addaa qabaachuu kan dubbatan Aadde Ruuqiyaan dhaabbaticha hundeessuuf hoggantoonni 35 bakka kana boqotanii egeree Afriikaa murteessan.

Bakki boqonnaa hoteela kanaas sirreewwan isaa muka uumaamaa irraa aadaadhaan kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.
Hoteelli kun meeshaan ammayyaa osoo hin fayyadamin waggaa 70 dura harka namaatiin qofaa akka hojjetame himanii, innis seenaa biyyaafi aadaatiin walqabatee kan hojjeetme ta’uu himaniiru.
Akkasumas bakka bashannanaa adda addaa dorgommii dakaa bishaanii bakka itti adeemsifamu kan of keessaa qabu ta’uu kaasanii, yeroo ammaa kanas qophii irra akka jiran kaasan.
Daraartuu Tarreessaatu Qindeesse