AMN PLUS – Amajjii 28/2018
Walitti qabaan Boordii Daandii Xiyyaara Itoophiyaa duraanii Obbo Girmaa Waaqee, Hoji-Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Xiyyaaraa Yugaandaa ta’uun muudamuu isaanii himame.
Obbo Girmaan Daandii Xiyyaaraa kana akka hoogganan muudamuu isaanii kan ibsame, Prezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museevenii waliin erga wal arganii mari’atanii booda akka ta’e ibsameera.
Museeveniin kaleessa Roobii Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa Ugaandaa keessatti Obbo Girmaa waliin dhimma geejjibaa xiyyaaraa irratti mari’achuu isaanii himaniiru.
Ministirri Dhimmoota Dargaggootaa fi Daa’immanii Yugaandaa, Balaam Barugaharaa, ergaa fuula (X) Tiwiitara duraanii isaanii irratti maxxansaniin, Pirezidaant Museeveeniin Obbo Girmaa Hoji-Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Xiyyaaraa Ugaandaa taasisanii akka muudan beeksisaniiru.

Ministirichi ergaa isaanii keessatti, yaadni muudamni Obbo Girmaa yaada ilma Prezidaantichaa fi Ajajaa Waraanaa Ugaandaa Muhoozii Kaayinerugaabaa irraa kan dhiyaate ta’uu ibsaniiru.
Daandiin Xiyyaaraa Yugaandaa xiyyaarota 8’n balaliisaa geggeessaa jira.
Miidiyaaleen Ugaandaa akka gabaasanitti, Obbo Girmaan hanga Hoji-Raawwachiisaan Olaanaan haaraan Daandii Xiyyaaraa Ugaandaa muudamutti, yeroo ce’umsaatti dhaabbaticha akka hoogganan akka eegamu sabaa himaaleen garaa garaa gabaasaa jiru.
Obbo Girmaa Waaqee umriin isaanii waggaa 82 yoo ta’u, Daandii Xiyyaara Itoophiyaa keessatti itti gaafatamummaa gara garaa fudhachuun tajaajilanii jiru.
Akkasumas, Baatii Bitootessaa Bara 2014 irraa eegalee hanga Waxabajjii Bara 2015’tti, Walitti Qabaa Boordii Garee Daandiiwwan Xiyyaara Itoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin