Qala’iinsa gabaa to’achuuf falli ijoon oomishtummaa guddisuudha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Qala’iinsa gabaa to’achuuf falli ijoon oomishtummaa guddisuudha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Amajjii 27/2018

Itoophiyaa keessatti qala’iinsa gabaa kan babal’isu addaan fagaachuu fedhiifi dhiyeessii akka ta’e Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Rakkoo qaala’iinsa gabaa addaan fagaachuu fedhiifi dhiyeessiin dhufee kana furuuf oomishaafi oomishtummaa guddisuun barbaachisaa akka ta’e Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Hammeentaan qaala’iinsa gabaa tibbana dijiitii baaqqeetti gadi bu’uun 9.7% yoo ta’u, ammallee oomisha guddisnaan kana caalaa hir’isuun akka danda’amu himan.

Galiin hawaasni bal’aan argachaa jiru fedhii isaanii guutuudhaaf daangeeffamaadha kan jedhan Ministirri Muummeen, galii uummataa guddisuuf hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Kanaaf agarsiistuun ammoo riifoormii taasifameen mindaan yeroo lama walitti aansuun akka dabalame kan ibsan Dooktar Abiyyi Ahimad, galiin hawaasni mindaan argatan gahaa akka hin taane erga hubatamee booda dabalamuun akka danda’ame ibsaniiru.

“Nuti warrii har’a itti gaafatamummaa qabnu guyyaatti lama soorachaa dhaloota guyyaatti sadii soorataniif hojjechuu, nuti har’aa idaa kaffalaa eger dhaloota idaarraa bilisa ta’an horachuu qabna” jedhaniiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD).

Qala’iinsa gabaa kanas furuuf gabaawwaan Dilbaata baay’een akka hundaa’an taasisuun rakkooleen baay’een akka furamanis ibsaniiru.

Gabaa Dilbataa qofa osoo hin taanee giddu gala gabaa ammayyaa ijaaruudhanis oomishni qonnaan bultoota kallattumaan akka raabsaman taasisuun hawaasnis gatii madaalawaan argachuu akka danda’aniif hojeeleen baay’een akka hojjetamanis ibsaniiru.

Ji’oottan 6n har’aa Magaalaa Finfinneetti kan eegalame gabaa Zaman jedhamuu Itiyoo Teelekoomiidhaan kan hojjjetame sirna gabaa bittaafi gurgurtaa “virtually”tiin daldaltoota kuma 400fi kuma 64 irratti hirmaata jiru jedhaniiru.

Kuni ammoo Finfinnee qofa osoo hin ta’in guutuu biyyaatti akka babal’atuus hojjetamaa akka jiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) dubbataniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply