AMN PLUS – Gurraandhala 02/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalattiin dirree misoomaa malee dirree gochootni al-seerummaa calaqqisiisan itti keessummeeffaman akka hin taane hubachiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech gabaasa raawwii karoora hojii walakkaa waggaa tibbana dhiyeessaniin gochoota al-seerummaa calaqqisiisan ittisuu irratti Finfinneen 24/7 kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Kanaanis hojii yakkoota dursanii ittisuun raawwiin gaariin jiraachuu kan yaadachiisan Kantiibaa Adaanech ji’oota jahan darban himannaa yakkoota garaagaraan kan qaban galmeewwan 4,140 hordofamaa turu ibsaniiru.

Galmeewwan kanneen keessaa Kuma Tokkoofi 491 murtoo mana murtii kan argatan yoo tahu Kuma Tokkoo fi 382 bulchiinsa magaalichaaf murtaa’uun kunis gara maallaqaatti yoo jijjiiramu birrii biiliyoona 3 akka caalu ibsameera.
Kunis akaakuun yoo ibsamu ammoo manneen 101, sheedota 19 akkasumas lafti heektarri 178 caalu hordoffii seeraa taasifameen mootumaaf deebisiisuun akka danda’ame Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa tibbana dhiyeessan irratti ibsaniiru.
Finfinneen dirree misoomni hunda hammate keessatti dhugoomeefi gara fuulduraattis cimee itti fufu tahuu kan hubachiisan Kantiibaan magaalattii Aadde Adaanech Abeebee “Misoomni hojjetamees deebi’ee waardiyyaa nageenyaa jiraattota Finfinnee taheera” jechuun hubachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e