AMN PLUS – Guraandhala 17/2018
Finfinneetti waggoota shanan darban keessatti manneen jireenyaa kuma 400fi kuma 34 ol ijaaramee jiraattotaaf dhiyaachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech manneen kunneen filannoo misoomaa garaagaraatiin qophaa’anii dhiyaachuu isaanii kaasuun, Isaan keessaa manneen jireenya waliinii ijaarsi isaanii xumuramee marsaa lamaan fayyadamtootaaf dabarfamuu isaanii ibsaniiru.

Hawaasa galii gadi aanaa argataniif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojmaanni fayyadamummaa isaanii mirkaneessu diriirfamee hojjetamaa akka jirus kantiibaan himaniiru.
Jiraattota kanneen fayyadamtoota taasisuuf mootummaan dhaabbilee dhuunfaa waliin qindoomuun manneen ijaaraman dabarsuuf qophii taasisaa akka jiru ibsuun, warreen galmaa’aniif dursi akka kennamus eerameera.
yeroo ammaa pirojektoonni manneen jireenyaa ijaarsarra jiran kaka’umsa gaarii fi qulqullina irratti akka argaman kaasuun, adeemsa ijaarsaa kanas itti dhiyeenyaan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hordofaa jiraachuu isaanii Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Dabalataanis, Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee gorsa ogummaa kennuu fi deeggarsa teeknooloojii taasisuun hojii kana qajeelchaa akka jiru Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e