Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa haleellaawwan miidiyaa hawaasummaa “Whats App” irratti taasifamu ilaalchisee ibsa of-eeggaannoo kenne

You are currently viewing Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa haleellaawwan miidiyaa hawaasummaa “Whats App” irratti taasifamu ilaalchisee ibsa of-eeggaannoo kenne

AMN PLUS- Guraandhala 20/2018

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa haleellaawwan miidiyaa hawaasummaa “Whats App” irratti taasifamaa jiru ilaalchisee ibsa kenneen adeemsa Filannoo Marsaa 7ffaa sababeeffachuun, pilaatifoormicharratti haleellaan saayibarii raawwatamaa jiraachuu xiinxalootni mirkaneessuu beeksiseera.

Namootni haleellaa saayibarii raawwatan haalota waqtaawoo filachuun fayyadamtoota pilaatifoormii Whats APP keessumaa anga’oota hojii mootummaa, barattoota biyya alaatti baratan, namoota fageenya irra taa’anii barnoota dijitaalaa barataniifi namoota hawaasa keessatti dhiibbaa uuman irratti fuuleffachuu bulchiinsichi hubachiiseera.

Fayyadamtootni Whats App kunneenii fi warreen biroo haleellaa saayibarii waliin dhooftotaan raawwatamu irraa akka of eeggatus akeekkachiiseera.

Maloota waliin dhooftotni kunneen fayyadaman keessaa adeemsa filannoo fi taateewwan siyaasaa shiraan fayyadamuu yoo ta’u, deggertoota filannoo fakkaachuun, deggersa keessaan mallattoo (logo) kanaan ibsaa jechuun ergaa namaaf erguu kan malan ta’uu ifoomseera.

Akkasumas waan odeeffannoo filannoon wal qabatan fakkeessuun geessituu (Link) namaaf erguun namni sun yoo cuqaasee seenu odeeffannoo dhuunfaa nama sanaa faayidaa hin malleef kan oolchuu malan ta’uu yaadachiiseera.

Namootni haleellaa saayibarii gama pilaatifoormii Whats App’n raawwatan kunneen barattootaafi hordoftoota barnoota sadarkaa olaanaa irratti fuuleffachuun haaromsa viizaa, hir’isa gatii barnootaa ykn odeeffannoo qormaataa mala jedhuun liinkiiwwan (geessituuwwan) ergan yoo kan banan ta’e battalumatti odeeffannoon Whats App namoota haleellaa kanaaf saaxilamanii kan manca’u ta’uu akeekkachiiseera.

Koodii ykn lakkoofsa dhoksaa dijitii 6 qabu isiniif bilbila irratti ergame akka deebistanii ergitan taasisuun akkaawuntii Whats App keessan waan ugguruu danda’aniif eeggannoo gochuun murteessaa ta’uu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa yaadachiisera.

Kanaafuu, tarkaanfiiwwan akka mirkaneessituu abbaa sadarkaa lamaa (WhatsApp Settings > Account > Two-step verification > Turn On)tiin seenuun odeeffannoo Ii-meelii (E-mail) galchuun of irraa ittisuu kan dandeessan ta’uu hubachiiseera.

Dabalataanis, lakkoofsa mirkaneessituu (Verification Code) dijitii 6 nama kamiif iyyuu qooduu dhiisuun, liinkota shakkisiisoo cuqaasuu dhiisuun, gaaffii maallaqaa bilbila harkaa keessaniin mirkaneessuunii fi odeeffannoowwan murteessoo kam iyyuu “Whats App” dhaan waliif qooduu dhiisuufi maloota quunnamtii nageenyummaan isaanii mirkanaa’etti fayyadamuun haleellaa saayibarii irraa akka of eeggattan yaadachiiseera.

Kana irra darbees yoo akkaawuntiin keessan isin jalaa uggurame ammoo battaluma sanatti, Whats App balleessitanii irra deebiin fe’uun galmaa’uuf yaaluun akka namni isin uggure bahu (log out) ta’u waan taasifamuuf odeeffannoo ergaa barreeffamaan isiniif ergame galchuu kan dandeessan ta’uu ibseera .

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ergaa akeekkachiisaa dabarseen, battaluma sanatti firoota, hiriyoota akkasumas namoota waliin ergaa pilaatifoormii kanaan qooddatanitti bilbiluun akka isin jalaa uggurame beeksisuun ergaa kam iyyuu akka hin deebisne yaadachiisuu kan qabdan ta’uu hubachiiseera.

Anga’aa olaanaa hojii mootummaa yoo taatan ykn haleellaan dhaqqabe kan dhaabbaticha miidhu yoo ta’e Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaatti wayituma sana beeksisuun barbaachisaa ta’uu yaadachiiseera.

Bulchiinsichi nageenya odeeffannoo saayibarii biyyattii eegsisuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu eeruun, hawaasnis of eeggannoo barbaachisaa ta’e taasisuun saamtota saayibariif ulaa isaa akka hin banne akeekkachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply