AMN PLUS – Bitootessa 14/2018
Filannoon waliigalaa biyyoolessaa marsaa 7ffaan amanamaafi karaa nageenyi isaa eegameen akka gaggeeffamuuf gaheen qaamolee nageenyaa olaanaa tahuu Itti Aanaan Walitti Qabaa Boordii Filannoo Itoophiyaa Obbo Tasfaayee Niwaay ibsaniiru.
Waltajjiin leenjii leenjistoota nageenya filannoo irratti xiyyeeffate waliin tahiibnsa Boordii Filannoo Itoophiyaafi Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jira.
Leenjiin kun poolisoota naannolee garaagaraa irraa dhufaniif kennamaa kan jiru yoo ta’u, filannoon waliigalaa biyyoolessaa 7ffaa haala amansiisaafi nageenyi isaa eegameen gaggeeffame akka xumuramuuf gaheen humna nageenyaa guddataa tahuun xiyyeeffannoo argateera.
Filannoon waltajjii dorgommii siyaasaa mirgi dimokiraasii lammiilee guutummaatti itti ibsamu ta’uu kan ibsan Itti Aanaan Walitti Qabaa Boordii Filannoo Itoophiyaa Obbo Tasfaayee Niwaay, filannoo waliigalaa 7ffaa guutummaatti haqa qabeessa, amansiisaafi karaa nageenyi isaa mirkanaa’een akka xumuramuuf gaheen poolisii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Poolisiin walabummaafi ogummaa isaaf dursa kennuun mirga filattotaafi kaadhimamtoota filannoo eegsisuun sochii siyaasaa karaa nagaa taasisuuf haala mijataa uumuu qaba jedhaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan karaa duudhaa isaa eeggateen gaggeeffamuun nagaan kan hojjetamu tahuus Pirezidaantiin Itti Aanaa Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa Taammiraat Mulugeetaa (PhD) himaniiru.
Poolisiin nageenya biyyattiifi lammiileef dursa kan kennu yoo ta’u, mirgoota namoomaafi dimokiraasii eeguufi kabajuun sagantichi akka milkaa’uuf ni hojjetamaas ibsuun filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramuufis waamicha taasisaniiru.
Gabaasni kan Heenok Zannabaati