Injifannoon Adwaa injifannoo Afrikaanoota hundaati – Raayyaa Ittisaa

You are currently viewing Injifannoon Adwaa injifannoo Afrikaanoota hundaati – Raayyaa Ittisaa

AMN PLUS, Guraandhala 17, 2017

Guyyaan Injifannoo Adwaa 129ffaan mata duree ‘Adwaa injifannoo Ummattoota Gurraachaa’ jedhuun kan kabajamu ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.

Guyyaa injifannoo Adwaa yeroo 129ffaaf kabajamu ilaalchisee Raayyaa Ittisaatti Daayrektarri Daayrektooreetii Ijaarsa xinsammuu Meejar Jeneraal Indaalkaachow Waldakidaan ibsa kennaniiru.

Injifannoon Adwaa injifannoo Afrikaanoota hundaa ta’u ibsaniiru.

Guyyicha sagantaalee adda addaan bifa hoo’aa ta’een kabajuuf koreen hundaa’ee qophiin taasiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanichi sadarkaa naannolee, magaalotaa fi Embaasiiwwanii fi Miisiyoonootaattis ni kabajama jedhan.

Adwaan injifannoo waloo, tokkummaa, cichoomina kaayyoo fi mallattoo gootummaa ta’uus Meejar Jeneraal Indaalkaachow Waldakidaan himuu isaanii oddeeffannoon Ministeera Ittisa Biyyaa irra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply