Gidduhalli Aadaa Booranaa Yaaballoo Kubii Corraatti Ijaaramaa jiru ijaarsi isaa harka 86 irra gahe.

You are currently viewing Gidduhalli Aadaa Booranaa Yaaballoo Kubii Corraatti Ijaaramaa jiru ijaarsi isaa harka 86 irra gahe.

AMN PLUS_Guraandhala 25/2017

Giddugalli kun bajata birrii biliyoona walakkaan kan ijaaru yoo ta’u birrii gurgutaa kitaaba ida’amuu irraa argamuun ijaaramaa jira jeedhan Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalam Waariyoo.

Giddugalli kun Goda hambaa ,giddugala qo’annoof qorannoo Aadaaf seenaa Sirna Gadaa ta’ee tajaajilas jedhan.

Kana malees tokkummaa uummataa cimsuu fi Turistoota hawwachuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Ijaarsi Giddugala kanaa bara 2014 Gifti duree Zinnaash Taayyachoofi Pirezedaantii Oromiyaa Obbo Shimalkis Abdiisaan Eegalame.

Giddugalichi torbee Aadaa Godina Booranaa sabeeffachuun daawwatame.

Caalaa Barakaatu gabaasee.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply