AMN PLUS-Guraandhala 26-2017
Dorgommii fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa Ityoophiyaa 22ffaan Federeeshinii Ispoortii Aadaa Ityoophiyaa fi Ministeera Aadaa fi Ispoortii walii qophaa’e Guraandhala 29/2017 irraa eegalee gaaggeeffama.
Pireezidaantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Ityoophiyaa Aadde Hiwoot Mohaammad ispoortii aadaa guddisuuf carraaqqiin qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu ibsan.
Kaayyoon guddaan ispoortii aadaa, dorgommii bira darbee, hariiroo sabaa fi sablammootaa cimsuu fi obbolummaa uumuu, aadaa keenya agarsiisuudha kan jedhan ammoo Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammadi.
Feestivaala kana irratti hirmaattonni 1,386 ol ispoortii gosa ispoortii 11 kan hirmaatan ta’a.
Rabbirraa Hirphaatu gabaase