AMN PLUS- Guraandhala 27/17
Giddu galli Konveenshinii Idil Addunyaa eebbifamee agarsiisaaf banaa erga taasifamee Lammiilee hedduun daawwatamaa jira.
Guyyaa har’aas Artiistonni adda adda giddu Galicha daawwatanii jiru.
Giddu galli bu’uuraalee misoomaa hedduu guuttachuun tajaajilaaf banaa ta’e kun, Maqaa biyyaa ijaaruufi guddina diinagdee biyyattii keessatti shoora olaanaa bahataa jira

Artiistonni kunneenis rakkoo damee artiin wal qabatee keessattuu bakka agarsiisaan jiru kan furuufi dagaagina damichaaf gumaacha olaanaa kan bahatu ta’uu eeraniiru.
Giddu Galichi tajaajila hunda galeessa bakka tokkotti kan kennu ta’uun isaas adda isa taasisa.
Leensaa Hordofaatu gabaase