Hariiroon Itoophiyaa fi Azarbaajaan Gara Tumsaa Tarsiimoo Guutuutti Ce’eera

You are currently viewing Hariiroon Itoophiyaa fi Azarbaajaan Gara Tumsaa Tarsiimoo Guutuutti Ce’eera

AMN PLUS-Guraandhala 21/2018

Waggoota muraasaa asitti hariiroon Itoophiyaafi Azarbaajaan daran cimaa kan dhufe walta’iinsa damee dinagdee keessatti gumaacha guddaa buusaa jira.

Biyyoonni lameen hariiroo diiploomaasii ifaa kan eegalan bara 1992 (ALA)tti yoo ta’u, Azarbaajaan Gamtaa Sooviyeet irraa walaba kan taate bara 1991 booda Itoophiyaan osoo hin turin beekamtii kenniteefii ture.

Hariiroon biyyoota lamaanii kabajaa abbaa biyyummaa, guutummaa daangaa fi waltajjiiwwan addunyaa irratti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti sochii biyyootni biroo hin hirmaanne (Non-Aligned Movement) keessatti hirmaachaa turuu isaaniitiin seenaa walitti siqu qabu.

Utubaan guddaan hariiroo biyyoota lamaanii damee humna ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Azarbaajaan naannoo Kaaspiyaan keessatti oomishtuu humna ibsaa guddaa ta’uun muuxannoo boba’aa, gaazii fi teekinooloojii humna haaromfamaa qooduun tumsa cimaa ijaaraa jirti

Itoophiyaan ammoo karoora misooma magariisaa jalatti humna bishaanii, qilleensaa fi humna anniisaa aduu babal’isuun hojii bal’aa gaggeessaa kan jirtu wal jijjiirraa beekumsaa, invastimantii fi tumsi teekinikaa dameewwan misooma humna haaromfamaa, cimina dandeettii damee boba’aa, wal qunnamtii geejjibaa fi loojistikii akkasumas haaromsa qonnaa irratti muuxannoon Azarbaajaan Itoophiyaaf barnoota guddaadha.

Hariiroon siyaasaa fi dinagdee qofa osoo hin taane, akkuma Itoophiyaan seenaa dheeraa qabdu Azarbaajaanis biyya aadaa warra Bahaa fi Dhihaa walitti fiduun jabina wal fakkaataa uumuun riqaa mallattoo hawaasaa ta’uun tumsi aadaa fi barnootaas suuta suutaan babal’achaa jira.

Gara fuuldurattis, hariiroon Itoophiyaa fi Azarbaajaan dameewwan kanneen akka jijjiirama dijitaalaa fi tumsa ICT, marii nageenyaa fi ittisa biyyaa, tarkaanfiiwwan jijjiirama qilleensaa fi guddina magariisaa akkasumas waltajjiiwwan invastimantii gabaa Afrikaa keessatti hariiroo isaanii gara tumsa tarsiimoo guutuutti ol guddisuuf iddoo gaarii irratti argamu.

Keessumaayyuu tumsa damee dinagdee keessatti saffisaan guddachaa jiruun damee aviyeeshinii, misooma paarkiiwwan industirii, naannolee daldala bilisaa, akkasumas ‘Ethiopian Investment Holdings’ (EIH) dhaabbata mootummaa olaanoo mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippabiliika Itoophiyaa jalatti kan hundaa’e dhaabbilee mootummaa gurguddoo walitti qabuun qabeenya uummataa to’achuu, bu’a qabeessa gochuu fi guddina isaa mirkaneessuu irratti hojjechaa kan jiru dhaabbata mootummaa Azarbaajaan wajjiin walfakkaachuun isaa hariiroo biyyoota lamaaniif bu’uura cimaa uumeera.

Hariiroo kanas daran cimsuuf Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Giftii Duree Zinnaash Taayyachoo fi Hoggantoota Mootummaa olaanoo waliin Azarbaajaanitti imaluun daawwannaa taasisaa jiru.

Ministira Muummee Abiyyi Ahimadifi jila isaaniitiif simannaa ho’aan kan taaisfame yoo ta’u, isaanis sirna abaaboo kaa’uu yaadannoo gootota Azrbaajaan “Alley of Honor” fi “Victory Monument” jedhamu magaalaa Baakuu keessatti argamu irratti hirmaataniiru.

Sirni yaadannoo tokkummaa uummata Azarbaajaan Magaalaa Baakuu keessatti taasisan kunis seenaa yaadannoo injifannoo Adawaa wajjiin kan walfakkaatu walitti dhufeenya biyyoota lamaanii daran kan cimsu ta’uu isaa agarsiisa.

Dabalatanis, imalli isaanii kun hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti akka ol guddatu kan taasise yoo ta’u, dame adda addaa irratti tumsaan hojjechuuf walii galuu isaanii mallatteessaniiru.

Shuumii Badhaasootu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply