AMN PLUS-Bitootessa 7/2017
Sirni Ifxaaraa Guddichi daandiirraa 5ffaan Magaalaa Finfinnee Addabaabaa’ii Masqalaatti gaggeeffameera.
Dorgommiin Hafzii Qur’aanaa biyyoolessaa jalqabaa fi sirni Ifxaaraa Daandiirraa guddichi 5ffaa Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaatiin qophaa’e gaggeeffaeera.
Sirna Ifxaaraan dura dorgommiin Hafzii Qur’aanaa biyyoolessaa mata duree “Qur’aanni Madda Beekumsaa fi Nageenyaati” jedhuun gaggeeffamee.
Dorgommii kana irratti dorgomtoonni koorniyaa lamaan, Naannoolee hundarraa, akkasumaas Magaalaa Finfinnee fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa hirmaataniiru.
Dorgomtoonni injifatan konkolaataa ammayyaa, badhaasa maallaqaafi sirna hajjii bilisaan akka badhaafaman ibsameera.
Sirnicharratti hordoftoonni amantii Islaamaa Magaalaa Finfinnee fi magaalota ollaa irraa dhufan, qondaaltonni mootummaa olaanoo, ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa, akkasumas bakka bu’oonni hawaasa dippilomaasii dabalatee keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Mahaammad Toofiqtu gabaase.