Kantiibaa Adaanech Abeebee Lammiilee Harka Qalleeyyiif Mana Jireenyaa Dabarsan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee Lammiilee Harka Qalleeyyiif Mana Jireenyaa Dabarsan

AMN Plus – Bitootessa 02/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee manneen jireenyaa naannawwaa Saarbeetiitti ijaaraman Lammiilee Harka qalleeyyii lakkoofsaan 70’f dabarsanii kennan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiiwwan misoomaa nama irratti xiyyeeffatan hojjechaa jiru fuula durattis cimsee itti fufaa kan jedhan Kantiibaa Adaanech, hanga har’aattis magaalaa Finfinnee keessatti, manneen Kuma 45 ol lammiilee harka qalleeyyiif dabarfaman kennamuu himaniiru.

Baajata mootummaafi hojii tola ooltummaatiin lammiilee harka qalleeyyiif mana jireenyaa ijaaruun imimmaan namoota baay’ee qoorsuun danda’ameera, kan jedhan Kantiibaa Adaanech, hojiin kun cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Gabaasni kan Yaaddessaa Geetaachooti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply