Waggoota torba darban namoota humna hin qabneef manneen jireenyaa kuma 45 caalan dabarfamaniiru – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Waggoota torba darban namoota humna hin qabneef manneen jireenyaa kuma 45 caalan dabarfamaniiru – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN Plus – Bitootessa 02/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hojiin Magaalattii fakkeenya badhaadhinaa taasisuun jiraattotaaf haala mijataa uumuu saffisaafi qulqullinaan itti fufuu ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech har’a Kutaa Magaalaa Lidataatti kan ijaarame gamoo abbaa darbii 4 abbootii warraa 70’f dabarsan kennuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech namootni manneen jireenyaa dabarfaman kennamaniif kunniin rakkoolee hawaasummaaf kanneen saaxilaman, jireenya gadi aanaa kan jiraatan, qaama miidhamtootaafi kanneen yeroo humna qaban biyyaaf oolmaa oolan tahuu himaniiru.

Dabalataan kutaaleen hawaasaa deeggarsa misoomaa garaagaraaf kanaan dura kaafamuun manneen gandaa keessa rakkina waliin jiraachaa turan, warreen haala mijataa dhabuun roobniifi qorri itti wal-jijjiiraa as gahan akka keessatti hammataman ibsaniiru.

Finfinneen hojii namoomaarratti xiyyeeffachuun roga maraan hojjechuun fakkeenya taha jiraachuus kan ibsan Kantiibaa Adaanech kunis yaadama Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) bu’uuressaniin itti fufuun waggoota torban darban manneen jireenyaa lakkoofsaan kuma 45 caalan ijaaramuun harka qalleeyyiif dabarfamuu hubachiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech tola ooltota qindeessuun baatii 4 keessatti hojiin kun yoo hojjetamu manneen jireenyaa duraan turan 5 kaasuun manneen jireenyaa abbootii warraa 70 fayyadamoo taasisan ijaaruun danda’amus ibsaniiru.

Hojiin akkasii harka maratan tahurra waan qabnu haalaan fayyadamuun jireenya hawaasaa jijjiiruun akka danda’amu nutti agarsiiseeraas kan ibsan Aadde Adaanech manneen ijaaraman qulqullina kan qaban, qaama miidhamtootaaf akkaataa mijatuun ijaaramuu dabalatee meeshaalee mana keessaallee kan guuttatan tahuu hubachiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech, Magaalaan Finfinnee hunda keenyaaf ni geessis kaasuun waliif yaaduufi walii walii keenyaaf jaalala dhugaa yoo qabaanne kanaa ol hojjechuu dandeenyas jedhaniiru.

Aadde Adaanech Waajjira Kantiibaa hojicha dursuun hordofaa ture dabalatee lammiileen tola ooltummaan tumsitan, dhaabbileen garaagaraa, abbootiin qabeenyaas waan namooma agarsiisuu hojjechuu keessaniin kabaja argadhaa jechuun galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply