AMN – Bitootessa 10/2017
Gareen Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii idil addunyaa mana keessaarratti hirmaachuuf eda galgala Chaayinaa, Naanjiing dhaqeera.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun Atileetota geggeessaniiru.
Gareen kun Atileetota 12, leenjistoota 2, dursaa garee tokko, dursaa garee teekniikaa tokko, ogeessa waldhaansa olaanaa tokkoofi Fiziyoteraappiistii tokko akka of keessaa qabu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa arganne ni mul’isa.