Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa 2025 Finfinneetti ni adeemsifama

You are currently viewing Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa 2025 Finfinneetti ni adeemsifama

AMN PLUS- Bitootessa 17/2017

Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa Itiyoophiyaa 2025 Caamsaa 8 bara 2017 irraa eegalee guyyoota sadiif giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti ni’adeemsifama.

Eksipoon tumsa Bulchiinsa Nageenya Neetwoorkii odeeffannoo fi Inistiitiyuutii Namtolcheen Itoophiyaan qophaa’u kun Baha Afriikaatti taatee Teeknooloojii isa guddaa akka ta’uu ibsameera.

Eksipoo kana ilaalchisuun daarektarri olaantuu Bulchiinsa Nageenya Neetwoorkii Tigist Hamiid fi daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Namtolchee Injiinar Warquu Gaachanaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru.

Nageenyi Saayibarii, Hubannoon Namtolchee, Nageenya Faayinaansii, Smaart Siitii fi BarumsiTeeknooloojii qabxiilee xiyyeeffannoo eksipoo kanaa ta’uu dubbataniiru.

Eksipoon kun imala dijitaalaayizeeshinii ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 waliin kan walsime ta’uu ibsanii, dorgommiin hubannoo namtolchees akka taasifamu himamuu issa TOI irra odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply