Poolisiin Finfinnee tarkaanfii hattummaarratti fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise

You are currently viewing Poolisiin Finfinnee tarkaanfii hattummaarratti fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise

AMN – Bitootessa 26/2017

Poolisiin Finfinnee tarkaanfii hattummaarratti fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 7’tti miseensi poolisii Inspeektara Eermiyaas Ergeenoo jedhamu konkolaataa poolisii keessa taa’ee nootii birrii abbaa dhibba lamaa yammuu fudhatu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaarra naanna’aa akka ture Poolisiin Finfinnee yaadachiiseera.

Viidiyoo miidiyaalee hawaasaarra naanna’aa ture ka’umsa gochuunis miseensa poolisii gocha kana raawwate to’atee qorataa jiraachuu Qajeelchi Poolisii kutaa magaalichaa beeksiseera.

Gochoota maqaa gaarii poolisii balleessan keessaa matta’aa fudhachuun tokko ta’uu kan eere poolisiin miseensotaa fi hooggansa poolisii gocha walfakkaatu raawwatan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatus beeksiseera.

Adeemsa kenna tajaajilaarratti hawaasni mirgasaa maallqaan bitachuu hin qabu kan jedhe poolisiin, qaamoleen matta’aa kennan ija seeraa jalaa miliquu waan hin dandeenyeef gochasaaniirraa akka of qusatan hubachiisuusaa Poolisii Magaalichaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply