Magaalaa Hoolataatti boba’aan seeraan alaa liitirri kuma 20 oli to’atame

You are currently viewing Magaalaa Hoolataatti boba’aan seeraan alaa liitirri kuma 20 oli to’atame

AMN – Bitootessa 27/2017

Magaalaa Hoolataatti konkolaataan fe’umsaa boba’aa liitira kuma 20 fi 800 karaa seeraan alaa fe’ee imalaa ture to’atamuu Qajeelchi Poolsii Magaalichaa beeksiseera.

Inispeektar Olaanaa Nugusee Dhukii konkolaataan fe’umsaa Lakk. Gabateesaa koodii 3- A23204 ET ta’e boba’aa liitira kuma 20 fi 800 karaa seeraan alaatiin fe’ee osoo imalaa jiruu to’atamuu himan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Daldala Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Asaffaa Biraanuu gama isaaniin konkolaataan fe’umsaa kun boba’aa seeraan alaa baarmeela Abbaa Liitira 200 , baa’inni isaa 104 waliin to’atamuu himan.

Daldalli seeraan alaa mootummaafi uummata irratti miidhaa waan hordofsiisuuf hawaasni gochoota walfakkaatan yoo argamu qaamolee seeraaf eeruu kennuu qaba jedhan. Waajjira Kominikeeshinii Magaalichaarra odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply