Tajaajilli Daayaaspooraa Itoophiyaa asxaa kanaan dura itti fayyadamaa ture ifatti hara’a jijjiiruusaa beeksiseera.
Sirnicharratti hoggantoota dhaabbatichaafi mootummaa kanneen dabalate bakka bu’oonni miseensota daayaaspooraas argamaniiru.
Asxaan haaraan kun ergama dhaabbatichaa, walitti dhufeenya daayaaspooraan biyya isaa waliin qabu cimsuu kan dada’uu fi fedhii daayaaspooraan biyya keessaas ta’e biyya alaatti tumsaan hojjechuuf qabu kan calaqqisiisudha jedhamuusa tajaajilicharraa odeeffanne.