Barruuleen daa’immanii ‘Naa’otaa’ jedhamtu yeroo jalqabaatiif dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Afaan Oromoon qophoofte eebbifamte

You are currently viewing Barruuleen daa’immanii ‘Naa’otaa’ jedhamtu yeroo jalqabaatiif dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Afaan Oromoon qophoofte eebbifamte

AMN PLUS – Eebla 04/2017

Barruuleen kun ji’a ji’aan kan qophaa’u yoo ta’u, ijjoollonni aadaa, duudhaa, seenaa baratanii akka guddataniifi aadaa dubbisuu akka horatan taasisuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Barruuleen daa’immanii dhaabbatichaan maxxanfamuu jalqabde kun mana maree bakka bu’oota uummataatti walitti qabaan koree dhaabbii dhimmoota dagaagina Dimokiraasii Obbo Azmaraaw Andaamoo fi waajjira paartii Badhaadhina giddu galeessatti itti gaafatamaan qunnamtii damee uummataafi hariiroo idil addunyaa Biqililaa Hurrisaa (Dr.) fi keessummoonni biroo bakka argamanitti magaalaa Adaamaatti eebbifamteetti. BKO irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply