Maaddii qoodun jaalalaa fi kabaja jiraattota keenyaf qabnu kan itti agarsiifnuudha jedhan Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyiif Maaddii qoodaniiru.
Kantiibaa Adaanech Sagantaa Maaddii qooduu kanarratti ergaa dabarsaniin,Maaddii qoodun jaalalaafi kabaja jiraattota keenyaf qabnu kan itti agarsiifnuudha jedhan.
Abbootii Qabeenya Sagantaa Maaddii qooduu kanarratti hirmaatanis galateeffataniiru.
Komishinarri Komishinii Qindeessaa Tola Ooltummaa fi Hirmaannaa Uummataa Magaalaa Finfinnee Yimaar Kabbadaa, Magaalaan Finfinnee jijjiiraman as hojii namoomaarratti xiyyeeffachuun hojjatameen aadaan wal gargaarsaa hir’achaa dhufe akka deebi’u ta’eera jedhan.
Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun akka magaalaatti namoota kuma 5f kutaalee magaalaattiitti ammoo namoota Kuma 200f Maaddii qoodamaa akka jiru ibsaniiru.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase