Sirni awwaalchaa Poop Firaansiis boru raawwatama

You are currently viewing Sirni awwaalchaa Poop Firaansiis boru raawwatama

AMN – Ebla 17/2017

Sirni awwaalchaa Phaaphaasii Phaaphaasotaa bataskaana Kaatolikii Roomaa Poop Firaansiis boru akka raawwatamu Vaatikaan beeksifte.

Gaggeessitoonni biyyoota 50 fi Mootiiwwan biyyoota garagaraa 10 sirna addababayii Qiddus Pheexiroositti taasifamurratti akka argaman odeeffannoon Vaatikaan nuwus nimul’isa.

Sirna Kanaan booda sirni awwaalchaa Room bataskaana Saantaa Maariyaa Maajooreetti (Baaziiliikaatti) niraawwatama.

Sagantaan gaggeessaa amma har’a galgala sa’aatii 3tti ni raawwatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply