Sirni Awwaalchaa Poop Firaansis har’a raawwatama

You are currently viewing Sirni Awwaalchaa Poop Firaansis har’a raawwatama

AMN PLUS Ebla 18/2017

Sirni Phaaphaasii phaaphaasotaa Kaatolikii Roomaa Firancheskos Awwaalcha isaanii har’a akka raawwatamu Vaatikaan beeksiste.

Adda baabaayii pheexiroositti sirna gaggeeffamuu irratti gaggeesitoonni biyyoota 50 fi mootonni biyyoota garagaraa 10n akka argaman odeeffannoon Vaatikaan argisiisa.

Sagantaa addabaabayiitti gaggeeffamuu booda, sirni Awwaalcha poop Firaansis Roomitti kan argamu waldaa Saantaa Mariya majooreetti raawwatama.

Sirni gaggeessa hanga kaleessa galgala sa’aatii sadiitti raawwatameera.

Poop Firaansis dhibee Sombaa isaan mudataeen yaalamaa turuun umriisaanii waggaa 88n du’aan Addunyaa kana irraa boqotaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply