Magaalaa Finfinneetti daandii Awutoobisiif eeyyamame irratti Ambulaansiin ala konkolaattonni biroo akka hin imalle dhorkamuuf ta’uun himame

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti daandii Awutoobisiif eeyyamame irratti Ambulaansiin ala konkolaattonni biroo akka hin imalle dhorkamuuf ta’uun himame

AMN PLUS Caamsaa 06/2017

Magaalaa Finfinneetti daandii Awutoobisiif eeyyamame irratti Ambulaansiin ala konkolaattonni biroo akka hin imalle dhorkamuuf ta’uu Biiroon Geejjibaa Magaalichaa beeksiseera.

Yaa’iinsi geejjibaa saffisa akka qabaatuuf daandiin Awutoobisiif qofa eeyyamame jiraatus konkolaattonni biroon waan itti fayyadamaniif saffisni isaanii daangeffamuu biirichi himeera.

Biirichatti Hoogganaa Itti aanaan Dame Qorannoofi Teeknolojii Obbo Warquu Dastaa AMN’tti akka himanitti daandii geejjiba uummataa qofaaf eeyyamame irratti konkolaattonni waajjiraalee mootummaa, qaamolee nageenyaa, dippiloomaatotaafi kanneen biroo itti fayyadamaa waan jiraniif haala barbaadamuun konkolaachisuuf rakkachuu eeran.

Kanarraa ka’uunis daandii Awutoobisiif eeyyamame irratti Ambulaansiin ala konkolaattonni biroo akka hin imalle dhorkuuf hojjetamaa jiraachuu himan.

Sisaayi Nibratuun

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply