Koomoofi Intermiilaan waliin morkatu

You are currently viewing Koomoofi Intermiilaan waliin morkatu

AMN PLUS – Caamsaa 15/2017

Taphoonni xumuraa kilaba Shaampiyoonaa ta’u adda baasuu galgala har’aa ni taphatamu.

Morkii liigichaan xumuramuuf taphni tokko qofti kan hafuun Seeriyaan Itilii, ammallee kilabni Shaampiyoonaa ta’u adda hin baane.

Shaampiyoonaa adda baasuuf taphoonni 2 har’a galgala kan taphataman yoo ta’u, Naappoolii fi Kaagiliyaarii, Koomoo fi Intermiilaan morkiin taasisan si’oominaan eegama.

Liigicha garaagarummaa qabxii 1’n dursaa kan jiru Naappooliin har’a dirree isaa Diyeegoo Armaandoo Maaraadoonaa irratti taphicha kan injifatu taanaan, waggaa 2 booda Shaampiyoonaa ta’uu isaa ni mirkaneeffata.

Darajjee Adunyaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply