Maanguddoo ganna 65 hojiif barbaadaman-Ancheelootii

You are currently viewing Maanguddoo ganna 65 hojiif barbaadaman-Ancheelootii

AMN PLUS Caamsaa 15/2017

Kaarloo Ancheelootii maanguddoon ganna 65 carraa marsaa lamaan Riyaal Maadriid leenjisuu argataniiru.

Maanguddichi carraa lamaanuu haalaan fayyadamuun shaampiyoonummaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaafi Laaligaa Ispeen dabalatee waancaa sadarkaan garaagaraa kennamuuf 15 kilabichaaf galii taasisaniiru.

Saayinsiin kubbaa miilaa carraa waliin walitti ida’amee kan irra buufate Kaarloo Ancheelootii istaadiyeemii guddicha Saantiyaagoo Beernaaboo gadi dhiisuun gara Biraaziilitti imaluuf murteeffataniiru.

Leenjisichi Wiixata dhufurraa eegaluun garee kubbaa miilaa dhiirotaa Biraaziil leenjisuu kan eegalan yoo tahu RM maanguddicha kabaja addaan gaggeessuuf jala bultii irratti argama.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply