Pirojeektonni bishaanii naannoo Oromiyaa baasiin of danda’uuf uummata irratti taarifa dabaluu qofa osoo hin taane, qabeenya madda galii maddisiisuu danda’u horachaa deemuu akka qaban hooggantuun Biiroo Bishaaniifi Inaarjii Oromiyaa Injinar Miiliyoon Baqqalaa himan.
Imalli Miidiyaa qindoomina Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaafi Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaan geggeeffamaa jira.
Pirojektonni baajata Mootummaan, hirmaannaa uummataan, dhaabbilee miti mootummaafi gargaarsaan hojjetamaa jiran xumuramuun tajaajila hawaasaaf dabarsaa jiraachuus Injinar Miliyoon dubbataniiru.
Kana malees pirojektoota buleeyyii haareessuun humneessaa deemuun tajaajila hawaasaaf oolchaa jiraachuu himuun, pirojeektoonni kunneen ammoo tajaajila waaraa akka kennaniif tajaajiloota bishaaniin bulchaa, qorachaafi kununsaa akka jiran himaniiru.
Kenna tajaajilaa bishaan dhugaatii qulqulluu si’eessuuf akkaataa labsii 228/2012fi qajeelfamaafi dambii ba’een tajaajila iftoominaa qabu kennaa jiraachuus eeraniiru.

Milkaa’inni gama dhiyeessii tajaajila bishaan dhugaatiin Godina Arsii Lixaafi Magaalaa Shaashamanneetti argame Godinaalee birootti babal’achuu akka qabus dhaamaniiru.
Daawwannaa kanaanis, rakkoo bulchiinsa gaarii tajaajila bishaaniirratti jiru furuuf hojii hojjetame, annisaa soolaarii fayyadamuun tajaajila bishaan dhugaatii dhiyeessuufi balfa dhangala’aa to’achuu irratti hojiin hojjetame muuxannoo guddaa ta’uu kaasaniiru.
Imala Miidiyaalee guyyaa kaleessaa irraa eegalamee Godina Arsii Lixaa, Nageellee Arsiifi Magaalaa Shaashamanneetti geggeeffamaa jiruunis kenni tajaajilaa si’ataa, iftoomina qabuufi qaqqabamaa ta’e kennamaa jiraachuu qabamatamaan lafa irratti daawwatamuu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.