Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin har’a mata duree ‘Gahee Paatileen siyaasaa ijaarsa sirnaafi aadaa siyaasaa tasgabbaa’aa ijaaruu keessatti qaban’ jedhuun hooggantoota paartiilee morkattootaa Magaalaa Finfinnee waliin mari’nneerra jedhan.
Jijjiiramaan booda akka magaalaa Finfinneettis ta’e akka biyyaatti yaadamni Paartii biyya bulchuufi paartilee morkattootaa gidduu jiru akka eegametti tahee dhimmoota biyyaalessaafi magaalaarratti walii galtee uumuun aadaa waliin hojjechuu ijaaraa jirra jechuun ibsaniiru.
Paartileen siyaasaa aangoo mootumma argachuuf beekamtii uummataan filannoo mo’achuun kan irraa eegamu ta’us Paatiin Badhaadhinaa garuu aangoo erga argatee booda aadaa siyaasaa haaraafi fooyya’aa ijaaruu qabna ejjennoo jedhurraa ka’uun Paartileen siyaasaa morkattootaa kaabinee mootummaa keessatti akka hammataman gochuufi waliin hojjechuun aadaa siyaasaa haaraa qabatamaan ijaaraa jira jechuun ibsaniiru.

Hooggantoonni Paatilee morkattootaa magaalaa Finfinnee keessa socho’an hojiilee misoomaa jiruufi jireenya jiraattotaa fooyyessuuf hojjetamaa jiran jajjabeessuun, dhimmoota fuula duratti xiyyeeffannoo argachuu qaban irrattis yaada kennuun, gaaffiiwwan fedhii uummataa bu’ureeffatanis kaasuusaanii eeraniiru.
Nutis walitti dhufeenya gaarii akka magaalaatti eegalle cimsuun akkasumas hojiiwwan fedhii uummataa bu’ureeffatan saffisaafi qulqullinaan hojjechuu cimsinee akka itti fufnu mirkaneessineefii jirra jedhaniiru.
Xumura irrattis dirree siyaasaa caalmaatti babal’isaa hojiiwwan nageenyaafi misooma biyyaaf fayyadan qindoominaafi waloon hojjechuu keenya cimsinee itti fufuuf walii galteerra geenyeerra jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.