AMN PLUS – Guraandhala 26/2018
Gaaffileen uummatarraa kahan deebii akka argataniif filatamtootni Mana Maree Magaalaa Finfinnee xiyyeeffaannoon kan hojjetan ta’u, Afa Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir himan.
Mariin jiraattotaa Kutaa Magaalaa Eekkaafi filatamtoota Mana Maree Magaalaa Finfinneefi Federaalaa hirmaachisee Kutaa Magaalichaatti gaggeeffameera.
Afa Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir Waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniin akka uummataaf waadaa galletti gaaffilee ka’aniif filatamtootni Mana Marichaa xiyyeeffannoon hojjechuun akka irra jiraatu himaniiru.
Hawaasni maricha irratti hirmaate hojiileen namoomaafi bu’uraalee misoomaan hojjetamaniifi hojjetamaa jiran kan isaan gammachise ta’uu himuun kaanis dhawaatan akka deebi’aa deebii abdii qabaachuu ibsaniiru.
Hirmaattootni waltajjichaa kunniin filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa nagaa qabeessaafi dimookiraatawaa taheen akka gaggeeffamuuf gahee isaanii akka bahatan dubbataniiru.
Leensaa Hordofaatu gabaase