Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 47ffaa har’a taa’een dhimmoota garagaraa irratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Murtoo Walgahii Idilee Mana Maree Ministirootaa 47ffaa
Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 47ffaa Har’a Taa’een Dhimmoota Garagaraa Irratti Mari’atee Murtoo Dabarse.
1. Manni Maree Ministirootaa Jalqaba Wixinee Labsii Bajata Mootummaa Federaalaa Bara 2018 Irratti Mari’ateera. Bajanni Mootummaa Federaalaa bar 2018 Galmoota Karoora Misoomaa Waggaa kudhanii Bajata Mootummaa Federaalaa Irratti Qabaman Raawwachiisuuf, Nagaa Biyyaa Gama Eegsisuun Oomishaa fi Oomishtummaa Gama Guddisuun, Lammiilee Sababoota Uumamaa fi Namtolcheen Buqqa’an Gama Gargaaruun, Hammattoo Dinagdee Gooroo fi Fisikaalii Bara Jiddugaleessaa 2018-2022 Bu’uureffachuun fi Raawwii Bajata Sagantaa Bara Bajataa 2017 qorachuun Qophaa’ee Kan Dhihaatedha. Haala Kanaan Baasii Idilee Mootummaa Federaalaaf, Baasii Kaappitaalaaf, Deeggarsa Naannoleef Kennamuu fi Deeggarsa Galmoota Misoomaa Egereef Bajanni Tiriiliyoona LamaTa’u Mana Mareef Dhihaateera. Manni Marees Bajata Mootummaa Federaalaa dhihaaterratti Mari’atee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Akka qajeelfamu Sagalee Guutuun Murteesseera.

2. Xumurarrattis Manni Marichaa Wixinee Labsii Istaart Appiirratti Mari’ateera. Dirree Istaar Appii Uumuudhaan Istaar Apponni Kan itti Uumaman, Kan Itti socho’anii fi Kan Ittiguddatan fi Teeknooloojii Hojeessuun Oomishaalee Haaraa Kan Itti Oomishanii fi Tajaajila Kan Itti Kennan Akkasumas Rakkoolee Dhiheessii Faayinaansii Damee Kanaa Furuuf Akka Dandeessisu Ta’uun Qophaa’errati Mari’ateera. Manni Marichaas Wixinee Labsii Dhihaaterratti Mari’atee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataas Akka qajeelfamu Sagalee Guutuun Murteesseera.