Festivaalli Bashannanaafi Fiigichi Daandiirraa adeemsifamuufi

You are currently viewing Festivaalli Bashannanaafi Fiigichi Daandiirraa adeemsifamuufi

AMN-Waxabajji 4,2017

Festivaalli Bashannanaafi Fiigichi Daandiirraa Keessummeessitoota Hoteelotaan Waxabajji 8 bara 2017 Magaalaa Finfinneetti akka adeemsifamu Biiroon Aadaa,Aartiifi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee ibse.

Festivaalicha Biiroon Aadaa,Aartiifi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee fi ‘Tom Event Organizer’ waliin ta’uun kan qopheessan ta’uu Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Aadaa,Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Kaayyoon Festivaalichaas, kessummeessitoonni Hoteelaa,muuxannoo kan itti waljijjiiran ta’uun ibsameera.

Fiigichi daandiirraas Waxabajji 8/2017 ganama sa’atii 12 irraa eegalee kan gaggeeffamu wayita ta’u hanga ibsi kun kennametti hirmaattonni 1500 galmaa’aniiru.

Hirmaattonnis uffata danbii uffachuun fiigicha kanarratti kan hirmaatan ta’a jedhameera.

Keessummeesitonni Hoteelaa, uffata eenyummaa isaanii hin madaalleefi safuu uummataa waliin hin deemne uffatanii keessummeessuu akka hin qabne,danbiin bahee abbootiin qabeenyaa hoteelotaas, seera bahe kana akka hojiirra oolchaniif kallattiin kennamee hojjetamaa jiraachuun ni yaadatama.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply