Kaayyoon Qajeelfama maddaalli rawwii hojii dhabbilee ulaagaa madaallii saayiinsawaa taasisuu Aadde Buzeenaa Alkadir himan

You are currently viewing Kaayyoon Qajeelfama maddaalli rawwii hojii dhabbilee ulaagaa madaallii saayiinsawaa taasisuu Aadde Buzeenaa Alkadir himan

AMN Plus Waxabajjii 05/2017

Manni Maree Magaalaa Finfinnee Qajeelfama Maddaallii Raawwii Hojii Irratti qaamolee rawwaachistotaa waliin marii adeemsiseera.

Maricha kan eegalchiisan Af-yaa’iin mana maree magaalaa finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir kayyoon qajeelfama kanaa raawwii hojii dhaabbilee ulaagaa madaallii sayiinsawaa taasisuu keessatti gahee akka qabu dubbataniiru.

Miseensoonni koree dhaabbii yeroo dhaabbilee garagaraa dawwataniifi maddaallii gaggeessanitti amala dhaabbilee baruufis kan gargaaru ta’uufi dhabbiilee gidduuttis dorgommiin akka uumamu taasisuu keessatti gahee qabaachuu himan.

Qajeelfamichi sirna wal fakkataa diriirsuun qaamolee hunda itti gaafatamummaa kan hordofsiisu ta’uu sanada mariif dhiyeeterratti ibsameera.

Tsahaay Zawudeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply