Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee yakka naannoo manneen waliin jireenyaa keessatti mudatu ittisuufi furuun danda’amurratti itti gaafatamtoota waldaalee manneen jireenyaa waliin mari’ateera.
Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Dandir haasawa taasisaniin, manneen waliin jireenyaa bakka tokkummaafi jaalalaan waliin jiraatan akkuma ta’e, bakka namoonni itti baayyatan waan ta’eef rakkoolee hedduutus mudata.
Akkasumas yakki garagaraa bakki itti raawwatu keessaa tokko naannoo manneen jireenyaa waliiniiti. Yakkaafi rakkoolee mudatan kanneen furuuf aadaafi duudhaa biyyattiin qabdutti fayyadamuun furuun nagaaf tasgabbiin akka waliin jiraatamu taasisuuf hunduu ga’eesaa bahuu qaba jedhan.
Wal-dhabdeefi yakka raawwatame tokko tooftaa ittiin to’achuufi furuun danda’amurratti itti gaafatamtoota waldaalee manneen jireenyaa waliiniif leenjiin gabaabaan kennamuun eerameera.
Leenjii kanaanis wal-dhabdee uumame furuuf inni jalqabaa madda wal-dhabdee sanaafi sadarkaa wal-dhabdee sanaa beekuun murteessaa ta’uu himameera. Gama biraan qaamolee dhimmi isaan ilaalu hunda xiyyeeffannoon irratti hirmaachisuun barbaachisaa ta’uus ibsameera.
Abdiisaa Fufaatu Gabaase