Tapha Guutuu Itoophiyaa Marsaa 6ffaa Magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jiru irratti Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniinru.
Biyyi Abbaa Jifaar Jimmaan fakkeenya waloomaa fi tokkummaa Itoophiyaati jedhan Ministeera Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.
Sirna Baniimsa Tapha Guutuu Itoophiyaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan Obbo Tamasgeen Taphni Guutuu Itoophiyaa bifa miidhagaan akkuma eegale naamusa ispoortii eegee akka goolabamus dhaaman.
Hawaasni Magaalaan Jimmaa fi naannawa ishee akkasuma mootummaan Naannoo Oromiyaa Tapha Guutuu Itoophiyaa bifa haaraan deebi’e,bifa kanaan simachuu isaaf kan galateeffatan ammoo Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaanqaati.
Taphni Guutuu Itoophiyaa har’aa eegalee gosoota Ispoortii 26 guyyoota 9 f itti fufee Adeemsifama.
Misikkir Alamaayyootu gabaase.