Ogeeyyiin miidiyaafi waldaalee daawwachiftotarraa hirmaatan Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti Hara Habaas daawwatan
Harri Habaas Godina Arsii Lixaatti daangaa Naannoo Sidaamaafi Oromiyaarratti kan argamu yoo ta’u, harri kun bakka bashannanaa hawwataafi qurxummiifi roobiin baay’inaan keessatti argamuudha.
AMN Sagaleen dhalootaa miseensota waldaa qurxumummiifi hojii bashannansiisuurratti bobba’anii hojjechaa jiran dubbiseen fayyadamoo ta’uu himan.
Haa tahu malee iddoon bashannanaafi dargaggoota hedduu fayyadamoo taasisuu kun hanga yaadame osoo hin misoomin har’a gahuu himaniiru.
Kanaafuu mootummaan xiyyeeffannoo kennuun akka misoomsu gaafataniiru.
Biiroo Aadaafi turizimii oromiyaatti Daayireektarri Misoomaafi Piroomooshinii Turizimii Obbo Faantaahun Taaddasaas akka jedhanitti naannicha misoomsuuf qooda fudhattoota hunda waliin mari’atamaa jira jedhan.
Darajjee Bayyanaatu Gabaase.