Uwwisni magariisummaa Magaalaa Finfinnee bara 2011 dura dhibbeentaa 2.8 ture yeroo ammaa kana dhibbeentaa 22 gahuu kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Biqiltuu dhaabuun faayidaa damdaneessa kan qabu ta’uus kantiibaa Adaanech himaniiru.
Biqiltuu dhaabne kunuunsuun kaayyoo barbaaddameef dhaqqabsiisuu irratti cimnaan hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.
Magaalattiittii sagantaan ashaaraa magariisaa bara Kanaa bakka qooda fudhattoo garaagaraa argamanitti ni eegalama.
Sisaay Dirribaatu Gabaase