Hojiilee akka biyyaatti hojjetamaniin lammiileen biyyatti deeggarsa seeftineetii jalaa bahaa jiru jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (Dr.) ibsaniiru.
Minisitirri Muummee Abiyyi (Dr.) Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun Gaaffilee Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Akka fakkeenyaatti naannawaa Harargeefi Halaabaa kan kaasan Dr.Abiy bara baajataa kana hojii qonnaaf xiyyeeffannoo kennameen lammiileen miiliyoona 23 caalan deeggarsa seeftineetii jalaa bahu hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiy Ahmad lammiileen harka deeggarsaa qofa eeggachuu akka hinqabne ibsuun kanneen miiliyoona 4 tahan ammas gargaarsa seeftineeti jalaa baasuuf kutannoon hojjetama jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin