AMN PLUS- Adoolessa 1/2017
Hojiileen Misoomaa Bara baajataa 2017 Kutaa Magaalaa Araadaatti hojjetaman bakka Af-Yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir, Hoji raawwachiisaa Olaanaan Kutaa magaalichaa Obbo Geetaahun Abarraa, Hooggantoonni olaanoofi keessummoonni akkasumas jiraattonni argamanitti eebbifamaa jira.
Kutaa Magaalichaa Aanaa 09 keessatti dirreen ispoortii eebbifamuun tajaajilaaf banaa kan taasifame yoo ta’u, piroojeektonni Kutaa magaalichaa keessatti hojjetaman kanneen biroos eebbifamuun tajaajilaaf banaa ni taasifama jedhameera.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.