Caffeen Oromiyaa raawwii hojii bara bajataa 2017 qorachuuf yaa’ii isaa idilee 3ffaa, waggaa 4ffaa, bara hojii 6ffaa guyyaa boruu magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti ni taa’a.
Afa yaa’iin caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahaamaan ibsa miidiyaaleef kennaniin caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara bajataa 2017fi ajandaalee gurguddoo akka naannootti jiran irratti maarii’achuun kallatti fula-duraa kaa’uuf boruu akka taa’u himaniiru.
Gaabaasa mana hojii odiitara muummichaa,fi mana murtii waliigalaa Oromiyaa dhiyaatuu ciminaafi haanqinoota jiran caffeen akka qoratu Aadde Sa’aadaan dubbataniiru.
Akkasumas labsii haaraa dhimma baajata dabalataafi karoora bara baajataa 2018f qophaa’efi muudama adda addaa irratti marii’achuun kan raggaasisuu ta’a jedhame eeggama.
Yaa’ichi boruu kaasee guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uun beekameera.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.