Aleeksaandar Asaak Niwkaastilii bahuuf fedhii qabaachuu hordofee liivarpuul ammuma irraa taphataa kana fudhachuuf sochii eegaluu the sun gabaase.
Amma dura gatii jijjiirraa paawondii mil.130 Niwukastiliif kan dhiyeesse Liivarpuul ta’ullee, kilabicha biraa deebii hin arganne.
Tapha michoomaa Niwukaastil Seeltik waliin taphate irratti osoo hin hiriirin kan hafe Isaak,tibbana qophii bara morkii haaraaf miseensota kilabichaa gara Eshiyaa imalaniin ala ta’eera.
Niwukaastil Isaak miidhama isa muudateen garicha keessaa hafuu beeksisee ture.
Odeeffannoo amma baheen ammoo Isaak Niwkaastil gadi lakkisuu akka barbaadu ibseera.
Gama biraan taphataa kana itti dhiyeenyan horfofaa kan jiru Liivarpuul Paawondii mil.120 amma dura dhiyeesseen dabalata faayidaa taphatichaa faana walumaa gala hanga paawondii mil.130 qopheessuu the sun gabaaseera.
Aleksaander Isaak dhuunfaan liivarpuuliin waliin waliigaluu kan ibsu gabaasichi amma kan hafe waliigaltee kilaba isaa waliin taasifamu qofaadha.Kana gidduutti Al Hilaalis Paawondii mil 130 Niwukastiliif dhiyeessun taphaticha mindaa guddaan fudhachuu akka barbaadu ibseera ‘Sky sport’ttitu gabaase
Misikkir Alamaayyootu qindeesse.