Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo bara baajataa 2017’tti weerara lafaa irratti ture hir’isuun akka danda’ame ibsame
Waajjira Kabachiisa Dambii Bulchiinsaa fi Nageenyaa Kutaa Nifaas Silk Laaftoo qooda fudhattoota raawwii ol’aanaa galmeessaniif beekamtii kenne.
Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hoji Gaggeessaa Wajjira Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumalaa Zarihuun Tafarraa Seektarichi hojii misoomaa akka magaalatti adeemsifamaa jiruun gahee leencaa bahaa jiraachuu eeranii, bu’a argamsiisaniin akka magaalattis ta’ee akka kutaa magaalichaatti beekamtii adda addaa argachuu himan.

bara baajataa 2017 Kutaa Magaalichaatti hojiilee weerara lafaa irratti hojjatameen hir’isuun akka danda’ame Itti Gaafatamaa Waajjira Kabachiisa Dambii Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootoo Ajajaa Dhibbaa Boggaalaa Alamuu himaniiru
Sagantaa kanaan seektarootaa fi namoota dhuunfaa raawwii olaanaa galmeessaniif beekamtii fi badhaasni kennameefi jira.
Misikkir Alamaayyootu gabaase.