Bakka buutonni biyyoota garagaraafi hooggantoonni dhaabbilee hojii addunyaa magaalaa Finfinneetti piroojektiiwwan misoomaa addaa addaa daawwataniiru.
Hirmaattonni biyyotota addaa addaarraa Yaa’ii Sirna Nyaataa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii qopheesse irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan piroojektiiwwan namarratti xiyyeeffachuun ijaaraman daawwataniiru.
Pirezidaantii Itti aantuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Amiinaa Muhaammad (Dr) fi hirmaattoonni yaa’ichaa hojiiwwan misoomaa magaalaa Finfinneetti ijaaramaniifi ijaarsarra jiran daawwataniiru.