Korri Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaan Walta’insa Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaatiin Magaalaa Finfinneetti ni ta’aama

You are currently viewing Korri Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaan Walta’insa Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaatiin Magaalaa Finfinneetti ni ta’aama

AMN PLU- Adooleessa 30/2017

Korri Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaan Walta’insa Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaatiin Qophaa’e Qaammee 3-5 bara 2017 Magaalaa Finfinneetti kan taa’amu ta’uu, Ministirri Karooraafi Misoomaa beeksiseera.

Miniteerichi ibsa midiyaaleef kenneen ,Kora kana qopheessuuf,koreen waloo qindaa’ee hojjetaa jiras jedhameera.

Kora kanaan rakkoo Afrikaa Afrikaanotaan furuuf hojii qindoominaa hojjechuuf kan yaadame ta’ee, miidhaa jijjiirama qilleensaan Ardii Afrikaarra gahaa jiruuf beenyaan haqa qabeessa ta’e kan isheef malu akka kennamuuf sagalee ta’uudhas jedhameera.

Gama biraatiin,kaayyoo guddaan kora kanaa sagaleen afrikaa akka dhaga’amu taasisuun,dhaabbileen deeggarsaa idila addunyaa dhimma jijjiirama qilleensaarratti hojjetanis ga’ee afrikaan jijjiirama qilleensaa to’achuuf hojjetaa jirtu hubatanii akka deeggaran taasisuudha jedhameera.

Bu’aa jijjiirama qilleensaa to’achuutiin Afrikaan galmeessaa jirtu daran beeksisuun Ardiin kun gama faayinaansiin akka deeggaramuuf kora kallattii furmaataa kaa’u ta’uus ibsa kennameen eerameera.

Abdiisaa Fufaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply