Ameerikaa fi Chaayinaan daballii taarifaa hambisuuf yeroo waliigaltee daldalaa dheeressan

You are currently viewing Ameerikaa fi Chaayinaan daballii taarifaa hambisuuf yeroo waliigaltee daldalaa dheeressan

‎AMN PLUS – Hagayya 06/2017

‎Ameerikaa fi Chaayinaan daballiin taarifaa hojiirra ooluu isaa dursee waliigaltee daldalaa isaanii guyyoota 90n dheeressuu himame.

‎Biyyootni diinagdee addunyaa dursan lameen Ameerikaa fi Chaayinaan marii dhimma daballii taarifaa irratti ji’a darbe taasisan quubsaa ta’uu eeraniiru.

‎Bakka bu’aan ol aanaan Chaayinaa marii kana irratti akka jedhanitti biyyoonni lamaan waliigaltee daldalaa itti fufsiisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

‎Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigaltee kana dheeressuuf mallattoo isaanii kaa’uu BBC’n gabaaseera.

‎Waliigaltee daldalaa kanaan Waashingitan meeshaalee Chaayinaa irratti daballii taarifaa dhibbeentaa 145 kaa’uuf kan yaadde ni tursiti.

‎Haaluma walfakkaatuun Beejiingis daballii taarifa meeshaalee Ameerikaa irratti dhibbeentaa 125n dabalte ni tursiti jedhame

‎Waliigaltee kanaan duraatiin Ameerikaan meeshaalee Chaayinaarraa ergaman irratti taarifa dhibbeentaa 30 kan kaa’atte yoo ta’u, Chaayinaan ammoo oomisha Ameerikaa irratti taarifa dhibbeentaa 10 kan kaa’atte ta’uu ibsameera.

Madda: BBC

‎Wandimaageny Assafaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply