Paartilee siyaasaa akka morkattootaatti wal dorgomuurra darbee haala biyyoota hunda hammateen, badhaadhinaa fi nagaa mirkaneessuu qabu jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 12ffaan mata duree “Siyaasa irraa gara Badhaadhinaatti: Tumsa Paartilee Cimsuun Guddina Afrikaa fi Ce’umsa Diinagdee” jedhuun Gaanaa Akraatti gaggeeffamaa jira.
Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah fi Itti Gaafatamaan Hariiroo Uummataa fi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Biqilaa Hurissaa (PhD) waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru.

Obbo Adam Faaraah baniinsa waltajjichaarratti haasaa taasisaniin, egereen Afriikaa murtoo gaggeessitootaa irratti bu’uureffamuu ibsan.
Itti dabaluunis, yeroo dheeraadhaaf siyaasni biyyoota hedduu keessatti waldhabdee aangoo, ajandaa yeroo gabaabaa fi dorgommii humna biyyootaa dhabamsiisuun kan hoogganamu akka ture dubbatanii jiru.
Paartilee morkattootaa adeemsa bulchiinsa mootummaa adda addaa keessatti hirmaachisuun, waliigaltee biyyaalessaa, tokkummaa fi misooma itti fufiinsa qabu fiduuf akka fayyadu dubbataniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin